#Maqaa_Abbaa_kan_Ilmaa_kan_Afuura_Qulqulluu_Waaqa_tokko _Ameen!!

#Ha.Lu. Galataan kan guutamte, yaa dubroo maal maalitti si fakkeessina.
#Amaanu’eel kan hin hiikamne, wayyaa foonummaa sirraa uffate, meeshaan kafanaa sidha. Fo’iinsa qallaa, foon Addaam isa duraarraa taasise. Boffeensaas foon keeti, kaloon jechaa, innis Iyyesuus_Kiristoosidha. Mahinichis ol-aantummaa isaarraa kan gadi bu’e, fakkeenya ol-aanaa Waaqayooti. Hojjetaan isaas Afuura_Qulqulluudha.
Wayyoo, dubbiin kun ajaa’ibsiisaadha. Abbootiin keenya du’aa gara jireenyaatti, kan siin ce’an yaa riqichaa, lafaatii hanga samii kan geessu yaabbannoo, uumamni jalqabaa hundi siin haarome.
#Addaam gannataa yommuu ari’ame, abdiinsaa sidha. Balleessaa malee kan ajjeefame gara laafummaan Abeel sidha. Arjummaan Seet, hojiin Henokis, bishaan badiisaarraa kan ittiin fayye doonii Nohi, eebbaaf carraan Seem sidha.
Keessummaan Abrahaam, urgaan Yisihaaq, riqaan Yaa’iqoob sidha. Yoseefiin kan tasgabbeessitu sidha.
#Tsillaatiin Musee, Phaaxos kan jedhamte biqiltuun Siinaa, uffata Luba Aaron irra kan turte tsinaatsiliin, dabalees biqiltee daraartee uleen naqattes sidha.
Ragaan siidaa Iyyaasuu, Tsamriin (rifeensi hoolaa) Geedewoon, mudaayiin urgooftuu gaanfa Zayitii Saamu’eel sidha. Hiddi Isseey ittiin dhaabbate, saragallaan Aminaadaabis, masiinqoon Daawit, gonfoon Solomoon sidha. Biqiltuun daangeffamtee fi boolli bishaan cufamtee sidha.
Leemmattiin warqee Eeliyaas, gaaniin Eelsaayi sidha. Isaayyaasis ulfaa’ummaa (garaatti baachuu) durbummaa wajjin kan siif dubbate, Daani’eel wal-qunnamtii malee da’uu kan siif dubbate sidha.
#Faaraan kan jedhamtus tulluun Inbaaqom, karaa bahaatti kan argamtu, karri Hisqi’eel cufamtee arge, karri bahaa Hisqi’eel, seera tumiinsa Beeteliheem, lafti Efraataa kan jedhamtu sidha. Mukti jireenyaa Siiloondiis, madaa Naahomiin kan fayyistu, gammachuun Zakkaariyaas, galmi qulqulleettii Milkiyaas si’i.
#Yaa dubroo, fakkeenyaaf raajiin raajotaa, simboon duuka bu’ootaa, haati wareegamtootaa, obboleettiin Ergamootaa sidha. Halkaniif guyyaa balbala isheerratti kan ishee kadhatan, abdiin dargaggootaa, abdiin dubrootaaf Monoksootaas sidha.

@Dn Firaa’ol Kabbadaa
Bitootessa 2011 E.C
Madda: ‘Kitaaba Qiddaasee AO’ -_- Qiddaasee Maariyaamii fuula 191-192
